28/01/2024
Baamlaak Tasamma tapha moo'atanii darbuu har'aa gegeefamu ni dursu
************************************
Waancaa Afrikaan Taphoonni moo'atanii darbuu hara'as yoo itti fufan taphni Giinii fi Ekuwaatoriyaal Giinii murteessan idil-adunyaa Baamlaak Tasamma Wayyeessaa dursan sa'aatii lama irraa eegala.
Baamlaak Waancaa Afrikaa bara kanaan taphoota ramaddi DR Koongoon Zaambiyaa waliinii fi Kaameruun Gaambiyaa waliin taasisaan ga'umsa olaanaan dursuun dinqisiifannaa guddaa argataniiru.
Ga'eesi ganna 43 kan ta’an Baamlaak Tasammaa bara kana marsaa shanaffaadhaf waancaa Afrikaarratti murteessummaan tajajiilaa kan jiran.
Taphni moo'atanii darbuu inni biraa sa'aatii shan irraa eegaluun Masrii fi DR Koongoo gidduuti taphatama.
Shaampiyoonin Afrikaa yeroo torba Masriin waancaa Afrikaarratti taphoota kanaan dura taasifte afur keessaa sadi injifatteerti.
Gama Masriin Muhammad Saalan miidhamaan taphichaan ala yoo ta'u taphoota ramaddi sadan irratti goolii sadi kan galche Muhammad Musxafaan hara'as taphata garagarummaa uumuu danda'uudha.
ETV AFAAN OROMOO