18/08/2024
"Ijaarsa hidha haaromsaa guddicha keessatti ashaaraan uummata Oromo iddoo olaanaa qaba!" Dr. Injinar Haabtaamuu Ittafaa
= = =
Barruun Kallachaa Haala ijaarsa Piroojektiin hidha haaromsaa guddichi irra jiru ilaalchisee turtii Ministeera Ministeera Bishaaniifi Inarjii federaalaa Dr. Injinar Habtaamuu Ittafaa waliin taasise.
Piroojektiin HHIG waliigala konkiriitii meetir kuubii miliyoona 10.7 kan barbaadu yoo ta’u, hanga ammaatti meetir kuubiin miliyoonni 10.6 guutamee jira. Waliigala raawwiin ijaarsa hidha haadhoo % 96 irra gaheera.
Hojjaansaa lafarraa asii ol meetira 145 dheerata. Bu’uurarraa hanga ol ka’insa xumuraatti sirrii galaanaarraa meetira 645 irratti argama. Hidhichi tulluuwwan lama gidduutti kan ijaarame yoo ta’u, fiixee gamanaatii hanga gamasiitti meetira 1870 dheerata.
Hidhi koorichaa (Saddle dam) dhagaan kan guutame ta’ee, bishaan yeroo ciisu akka hindhimisneef konkiriitiidhaan guutameera. Ol dheerina meetira 50fi dalga meetira 5200 kan dheeratu yoo ta’u ijaarsisaa % 100 xumurameera.
Hanga ammaatti ijaarsa piroojektii kanaatiif qarshiin biliyoonni 191.2 baheera. Hanga xumuramuttis kana booda qarshii Biliyoona 50 kan gaafatu ta’a. Bara 2012 irraa eegalee bishaan marsaa afuriin haala milkaa’aa ta’een guutameera. Hanga ammaatti meetir kuubiin biliyoonni 42 guutameera.
Ijaarsa piroojektichaa keessaa hanga ammaatti hojiin ijaarsa siiviilii % 98.9, hojiin elektiroo makaanikaalii % 76, hojiin ujummoo sibiilaa % 87.1 yoo xumuramu, waliigala ijaarsi piroojektichaa % 95.6 irra gahuu ragaan HHIGtti Waajjira Piroojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Hanga ammaatti tarbaayinoonni 2 hojiitti galfamanii humna ibsaa Meegaa Waatii 750 maddisiisaa kan jiran yoo ta’u, 5 dabalataan bara 2016 keessa kan eegalu ta’ee, kanneen hafan 6 ammoo irraa jalaan hojiitti kan galan yoo ta’u, waliigala HHIG yeroo xumuramu tarbaayinoota 13 qabaata. Tarbaayinoonni kunneen yeroo hojiitti galanis humna elektirikaa Meegaa Waatii 5,150 maddisiisu. Kunis waggaatti sa’aatiin Giigaa Waatii 15,760 ta’uu ragaan waajjira piroojektichaa ni mul’isa.
Waliigaltee biyyaalessaa, wal amantaa akkasumas tokkummaa saboota, sablammootaafi ummatoota biyyattii cimsuu keessatti gahee HHIG gumaache
HHIG mallattoo tokkummaa saboota, sablammootaafi ummatoota Itoophiyaati.
Hidhi kun qabeenyaa waloosaaniiti. Kan lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyyoota alaa keessa jiraatan dafqasaanii, maallaqasaaniifi beekumsasaanii walitti qindeessuun hojjetatanidha. Qaamotiin hawaasaa garaagaraa biyyattii ilaalcha siyaasaa, amantaa, sabummaa kkf garaagaraa qaban hundi dhimma hidha laga Abbayaarratti garagarummaa ykn waldhabdeen hin mul’anne. Tokkummaan jalqaban, tokkummaan xumurarraan ga’aa jiru.
Tokkummaan ammoo wal amantaarraa madda. Kanaaf hidhi kun wal amantaa ummatoota biyyattii cimsuudhaan waloon akka dhaabbatan kan taasisedha. Lammiileen dhalootaan Itoophiyaa ta’an biyyoota alaa jiraatan piroojektii kana maallaqaan deggeruun cinaatti hojiin dippiloomaasii hawaasaa hojjetanis iddoo guddaa kan qabudha.
Hojiin jaarsasaa kun karaa nagaa halkanii guyyaa akka hojjetamuuf caasaan nageenyaa aarsaa inni kaffale akka salphaatti kan ilaalamuu miti. Aarsaa kamuu kaffaluun hojiin kun gufannaa tokko malee akka hojjetamuuf gumaachi taasisan iddoo guddaa kan qabudha.
Walumaagalatti lammiileen biyya kanaa biyya keessaafi biyya alaa hojii kamuu hojjetan xiqqaa hanga guddaatti hidhi kun qabeenya kooti, kan ilmaan koo egereeti, boqonnaa guddina biyya koo kan jijjiirudha jedhanii shoorri bahatan muuxannoon guddaan kan irraa argamedha.
Walumaagalatti saboonni, sablammoonni, biyya kanaa aarsaa gama hundaanuu kaffaluun qabeenya waloosaanii boru ammoo kan dhalootasaanii ta’e kana ijaarrachuu danda’aniiru. Lammiileen Itoophiyaa naannolee biyyattii garaagaraa keessa jiraatan hundi bakka hidha kanaa qaamaan yoo dhaqanii hin beeknellee hidha keenya qabeenya keenya jedhu. Sababnisaas gumaacha mataasaanii keessaa qabu waan ta’eefi. Muuxannoo hidha haaromsaa kanarraa argameen waggoota itti aananitti lammiileen biyyattii maal hojjechuu akka danda’anis tilmaamuun ni danda’ama.
Gahee Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ummanni naannichaa ijaarsa HHIGf gumaache Naannoon Oromiyaa sochii ijaarsaa kamuu keessatti adda durummaadhaan hirmaataa akka ta’e beekamaadha. Kana duras taasisaa tureera, gara fuulduraattis itti fufa. Hanguma bal’inasaa hanguma guddinasaa hanguma qabeenyaasaas hirmaannaansaas guddaadha.
Ijaarsa biyyaarrattis ta’e biyya kana tiksuu keessatti shoorri Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ummanni naannichaa qabu olaanaadha. Ijaarsa HHIG keessattis yoo ilaalle waggaa waggaatti gabaasni wayita dhiyaatu Naannoon Oromiyaa maallaqa guddaa kan gumaachu isa waan ta’eef karooraa ol kan raawwatus isa.
Kanas waancaa hidha haaromsaa naannessuun ummata sochoosee maallaqa sassaabuun hirmaannaa adda durummaa qaba. Kanaaf hojiin HHIG kan kooti jedhee hirmaannaa hundagaleessa taasisaa jiruuf Ministirri Bishaaniifi Inarjiis galata guddaa qabaaf jedhan Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii federaalaa. Kun sadarkaa hirmaannaa ummata naannichaatti haa ilaalamu malee akkuma namni kamuu beeku, yaa’onni (laggeen hedduun) gara hidha haaromsaatti yaa’anillee yoo fudhanne naannicha keessaa kan burqanidha. Kanaaf naannichi maallaqaafi qabeenya uumamaanillee shoora adda durummaa kan qabudha jechuudha.
Ijaarsi hidha kanaa erga jalqabamee kaasee hanga ammaatti akka Naannoo Oromiyaatti bittaa boondiifi arjooma garaagaraatiin qarshiin guddaan sassaabamee hojii ijaarsa piroojektii kanaaf kan gumaachame ta’uus gabaasni Waajjira Qindeessaa hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Piroojektii HHIG Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Kana malees, hidhichi biyyoo dhiqamee deemuun akka hin guutamneef jecha hojiin misooma sululaafi dhaabbii biqiltuu piroojekticha tilmaama keessa galchuun raawwatame guddaadha. Kanaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaafi ummanni naannichaa ijaarsa hidhaa kanaa keessatti ashaaraan kaa’an iddoo olaanaa kan qabudha.
Haaluma kanaan hirmaannaan kun bifa gabaabaan yoo ilaalamu bittaa boondii, arjoomaafi SMS ‘8100A’dhaan hanga xumura Bitootessa 2016tti waggoota 13 darbanitti qarshii 7,189,308,813 gumaachee jira.
Hojiin misooma sululaa hidha haaromsa guddichaafi ashaara magariisaa Oromiyaa keessatti ijaarsi piroojektii kanaa erga jalqabee kaasee xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Kanaanis, laggeen gurguddoon sulula Abbayaa keessa jiran (Jamaa, Angar, Mogor, Daabbus, Dhidheessaa, Soor, Gabbaa, Gibee, Birbiriifi Gudar) akka hin hir’anne, biyyoo dhiqanii gara Hidha Haaromsa guddichaatti akka hin guunneefi hojjetamaa jira.
Waggoota shanan yeroo jijjiramaa keessa ummanni naannoo oromiyaa hojii misooma sululaafi ashaaraa magariisaa hirmaannaan ummataa tilmaamaan qarshii 13,347,575,292 baasu hojjetamuusaa ragaan argame dabalataan ni agarsiisa.