02/07/2022
Seenaa godannisaa moraa ABO keessaa turee kan dagaannuu mitii shiraa hammaa
goototaa qabsoo ajeesuu
1Mulis Abbaa gadaa
2nadhii gamadaa
3 gishuu jarraa....
Ustaaz Kamaal Heboo hayyuu amantii fi qabsaayaa dha. Bara dhaloota kanaa keessatti hayyuu amantii sadarkaa ustaazummaatiin qabsoo hidh**'ootti dabalame isuman beeka. Gaafa W30tti dabalame sana ajandaa guddaa akka tures hin dagannu. Amma ammoo wareegame jechuu dhageenya. Namoonni durattuu hawaasa duratti beekaman akkasii gaafa qabsootti dabalaman akkuma ajandaa turan hunda gaafa wareegamanis ajandaa tahuun waan ooluu miti. Kanaafuu irraa dubbatamuun dhimma gandummaatti hirkifamee tuqamuun sirrii miti. Wareegama namoota akkasii irratti odeessi qulqullaawaan sabaaf himamuu barbaachisa. Yoo san tahuu baate ajandaa gidduu kanatti dhalatutu tokkummaa saba keenyaa gaaga'a. Kanarraa kan nagadatu ammoo 100% diina qofa. Kanaafuu ajajni ol'aanaan W30 namoota dursitoota hawaasaa turanii qabsootti keessatti wareegamaniirratti dhugaa jiru sabaaf himuun qaawwa diinaaf banamaa jiru dafee cufuu barbaachisa.
Haaluma wal fakkaatuun wareegamni ajajoota waraanaa sadarkaa cibraatti hogganaa turanii kan akka Jaal Tokkichoo faas baatii muraasa dura ajandaa wal fakkaataa uumee ture. Odeessa qabatama hin qabne deddeemaa turerraa kan buufatu diina qofa waan taheef akka ajandaa hin taanetti namoota gorsaa turre.
Kanaafuu ajajni W30 ol'aanaan yeroo itti waraanni isa fakkaatee qehee Oromoo goolaa jiru diinaan leenjifamee maqaa waraanichaa yakkuuf duulaa jiru kanatti dubbiiwwan akkasii xinneessee laalee callisaan bira dabruun gaarii miti. Dhugaa dha, lubbuun dhala Oromoo kamuu wal qixa. Kan qabsoof of kennee bahes wareegamni akka jiru innuu of beeka. Haa tahu malee namoota maqaan isaanii hawaasa keessatti beekamaa kan firaafis diinaafis ajandaa tahuu danda'an yeroo wareegamanitti wareegama isaaniirratti iftoominaaan sabaaf ibsa godhuun qaawwa diinni ittiin gargar nu ciruu barbaadu itti cufuuf gargaara.
Qabsaayota Oromoo wareegaman hundaaf jannata hawwina.
Qabsaayaan ni kufa, qabsoon itti fufa!