Maayaa bishaan laga Haramaya

Maayaa bishaan laga Haramaya Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Maayaa bishaan laga Haramaya, Tourist Information Center, Maya City, `Alemaya.

20/01/2024

Kalaqaa fi Ariitiin Hojjachuu, Badhaadhina Biyyaa Dhugoomsuuf
*******
Damee tuurizmii misoomsuu, ammayyeesuu fi carraawwan jiran bal’isuudhaan ,biyyi keenya Afrikaa keessatti bakka hawwata tuuristii ol’aanaa akka taatuuf Paartiin keenya ciminaan hojjeta. Kana dhugoomsuudhaafis qabeenya uumamaa, iddoo seena-qabeessaa fi nam-tolchee ta’an beeksiisuu, akkasumas tajaajiloota turmaataa fi bobbii tuuristootaatiif mijeessuun damecha ammayyeessuuf xiyyeeffannan hojjatamaa jira.

Galma qabame kana dhugoomsuuf sochiin kalaqaa fi ariitiidhaan dabaalamee eegalame imala badhaadhina biyya keenyaatti abdii horaa, milkaahina guddaa ta’es argamsiisaa jira.

!

20/01/2024
20/01/2024

Imalli badhaadhinaa milkaahinoota hunda galeessa ta’aniin faayamee itti fufeera.
=======
Qabeenya uumaan nu badhaase qixaan hubachuu, kunuunsuu fi faayidaa biyyaatiif oolchuun biyya badhaadhinatti ceesisuuf daran murteessaadha.

Itoophiyaan biyya mijaahina jireenyaa goonfatte, qabeenya uumamaa fi namtolchee akkasumas iddoowwan seena qabeessa qaamaaf qalbii booji’an, giddu gala tuurizimii ta’uudhaanis diinagdee biyyaatiif galaa ta’an hedduudhaan kan dabaalamtedha.

Diinagdee damdaneessaan badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf sagantaan qabame carraalee gama tuurizimiitiin jiranitti qixaan fayyadamuu, qabeenya naannawaa ofii sirnaan hubachuu fi ittis gargaaramuu akka dandeenyu akeekuudhaan gamatti tuurizimiin badhaadhina biyyaatiif akka oolu taasisuu irratti argama.

Pirojektiin Ikoo Turizimii Wancii Dandii ijaarsi isaa xumurame xiyyeeffannaa damee turizimiitiif kennamee hojjatamaa jiruuf agarsiiftuu guddaadha.

20/01/2024

Sagantaa “Maaddiin Biyyaaf” jedhuun sochiin misoomaa eegalame biyyi keenya dilbii qabeenya turizimii ta’uu ishee agarsiisuun gamatti carraaleen misoomaa of harkaa qabnu kalaqaan deeggarree, ariitii fi qulqullinaan misoomsuu yoo dandeenye yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa fiduun akka danda’amu agarsiiftuu guddaadha.

Badhaadhina biyyaa dhugoomsuun xiiqiin karoorsuu, kan karoorsanis ariitiin raawwachuu gaafata. Qaama sagantaa “maaddiin biyyaaf” kan ta’e pirojektiin ikoo tuurizimii Wancii Dandii miidhagina addaa goonfatee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu haala dandeessisuun ijaarsi isaa xumurameera. Jecha gochaan dhugoomsuu, kan jalqaban ariitiin xumuruun mallattoo Badhaadhinaa ta’ee itti fufeera…

20/01/2024
20/01/2024

"የኢትዮጵያ ድህነት የኖረዉ አሰተሳሰብ ዉስጥ ነዉ። ያ የድህነት ምንጭ የሆነዉን አስተሳሰብ የቀየረዉ የአለም ሎሬት ክቡር ጠቅላይ ሚንስትር አብይ አህመድ ያመነጨዉ የብልፅግና ሀሳብ ከጭለማ ወደ ብርሀን እየወሰደን ነዉ። የብልፅግናችንን አይቀሬነትንም በተጨባጭ እያሳየን ነዉ" አቶ ሽመልስ አብዲሳ

20/01/2024

Hariiroo Alaa, Faayidaa Biyyaalessaaf!
-------------
Paartiin Badhaadhinaa hariiroon biyyoota alaa waliin taasifnu faayidaa biyyaalessaa kan mirkaneessu, kabaja lammiiwwaniitis kan dhugoomsu ta’uu qaba jedhee amana. Hariiroon biyyi keenya biyyoota alaa waliin qabaattu kunis madaala wal dorgommii fi wal tumsa gidduu jiru akkaataa eegeen dhimmoota garaa garummaa bal’isan dhiphisaa fi walitti araarsaa fuula duratti kan imalu ta’uu akka qabu hubatee hojiirra oolmaa isaatiifis xiyyeeffannaa kennee hojjataa jira.

Imaammatni hariiroo alaa kun kabaja biyyaa fi lammiileetiif xiyyeeffannaa kan laatu, walitti dhufeenya biyyoota olla waliin jiruuf dursa kan kennu fi biyyoota garaa garaa waliin walii galtee cimaan akka jiraatu kan taasisudha.

Xiyyeeffannoon sagantaa hariiroo alaa keenyaa faayidaa qofa kan giddu galeeffate osoo hin ta’in hariiroo fi walitti dhufeenya gaarii diriirsuu, wal tumsuu fi waliin hojjachuu bu’uura kan godhatedha. Kanaanis walitti dhufeenya biyyoota waliin jiru haaromsaa fi cimsaa adeemuun faayidaa biyyoolessaa mirkaneessuudhaaf shoora guddaa akka qabu Paartiin keenya ni hubata.

Faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuu fi kabaja biyyaatis dhugoomsuudhaaf hariiroo hunda galeessa cimsuu irratti xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa waan jiruuf biyyi keenya walitti dhufeenya biyyoota garaa garaa waliin qabdu jabeessaa, kabaja isheetis eegsisaa fi itti fufsiisaa badhaadhina waloo galmaan gahuuf sochii abdi qabeessa taasisuu irratti argamti.

20/01/2024

Biyyaalessummaan lammiilee hundaaf carraa wal qixa kan kennuudha!!
+++
Biyyaalessummaan walqixxummaa, bilisummaa fi waloominni akkasumas hariiroo fi walitti hidhamiinsi kaleessaa, har’aa fi boruu keenyaa akka cimu kan taasisudha.

Eenyummaan kun ykn sun addatti deggersa argachuu qaba kan hin jennee fi afaanota Itoophiyaa hunda dabalatee, aadaa, mirga ofiin of-bulchuu fi fedhiiwwan birootiif carraa wal-qixa kan kennuudha.

Itoophiyaanonni hundinuu dhimma biyyoolessaa irratti hirmaannaa fi fayyadamummaa walqixa akka qabaatanis kan taasisu yemmuu ta'u, Itoophiyaan dafqaa fi dhiiga lammiilee hundaatiin kan ijaaramte, tattaaffii lammiilee hundaatiinis badhaadhinatti kan ceetu qe'ee hunda keenyaati jedheetis amana.

Galmoota badhaadhina biyyaa dhugoomsuu fi sirna cimaa ta'es ijaaruuf biyyaalessummaa mirkaneessuun murteessaadha.

20/01/2024

Seenessi waloo wal hubannaa lammiilee cimsee tokkummaa dagaagsa!
***
Seenessi waloo dhugaa lammiilee mul'isuudhaan tokkummaan obbolummaa bu'uureffate akka dagaagu taasisa.

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoota afaan, aadaa fi duudhaa garaa garaa qaban keessummeessuudhaan ilaalchotaa fi seenessoota qeenxee seenessa walootiin bakka buuftee badhaadhinatti cehuuf imala irratti argamtudha.

Qaamoleen dhugaa waloo moggaatti dhiisanii seenessa qeenxee fi dogoggoraa tarkaanfachiisan qormaata tokkummaaf waliin jireenya lammiilee waan ta'aniif dhugaa waloo akka qabatan taasisuu fi ol'aantummaa seenessa walootis dhugoomsuuf hojjachuun murteessaadha.

Dhugaa waloo qabatanii imaluun biyya tokkummaaf hirmaannaa lammiileetiin badhaadhinatti ceete dhugoomsuu keessatti shoora ol'aanaa waan qabuuf gama kanaan lammiin hunduu gahee isaa bahachuu qaba.

20/01/2024
20/01/2024

Dhaloonni Ida’amuu heddummina kan kabajuu fi tokkummaa kan cimsuudha!!
++++
Dhaloonni Ida’amuu jibba jaalalaan; aarii dhiifamaan, waldhabdee mariidhan kan bakka buusuudha.

Dhaloonni Ida’amuu garaagarummaa kan kabajuu fi tokkummaa kan cimsu; akkasuma dhaloota finxaalessummaa balaaleffatuudha.

Maraamartoo wal-amantaa sabaa fi gandummaatin osoo hin xaxamin Itoophiyummaa miira sabboonummatin kan jabeessudha.

Waan kana ta’eef, dhaloota ofittummaa irraa bilisa ta’e; nama biraa kan mararfatu; itti gaafatamummaa isaa kan bahatu; dhugummaa kan qabuu fi dhukkubbiin namoota biroo itti dhaga’amu uumuun itti gaafatamummaa waliinii ta’uu qaba.

Dhaloota Ida’amuutin walitti hidhamuun; wal kabajnee galma waloo tokkoof wal tumsuun Itoophiyaa badhaate ijaarra.

20/01/2024

Address

Maya City
`Alemaya

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maayaa bishaan laga Haramaya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Nearby travel agencies