16/06/2024
Baga ayyaana EId al Adahaa (Arafaa) 1445'f isin gahee
Bulchaa Kutaa Magaalaa Sabbataa
Obbo Marid Dimmiruu
Ayyaanni EId al Adaha ayyaana qormaataa fi arsaa ta'uudha.
Ayyaanni kun,Nabiyyuu Ibraahiim ajaja Alahaa tiin ilma isaanii Ismaa'eel arsaaf qopheessani kutannoo fi jabina isaaniin qoramanii darbuu isaanii mul'isa.
Ayyana kanarraa waan hedduu irraa barachuu dandeenya. Walii ajajamuun walii abboomamuu,fedhii dhunfaa arsaa gochuu,jaalala walii qabaachuu baranna.
Bulchiinsi kutaa Magaalaa Sabbataa hojiiwwan gurguuddoo baajata mootummaa fi hawaasa hirmaachisuun hojiiwwan boonsaa hojjechuun milkaa'eera
Inisheetiiviiwwan misooma qonnaa kan akka horsiisa lukkuu,boyyee,horsiisa loon aannanii,furdisa loonii,horsiisa qurxummii,Oomisha qamadii,Oomisha xaafii,Oomisha Varm kompoostii,oomisha dammaa,Oomisha rozmarii fi inisheetiivii balfa deebisanii fayyadamuu fi milkaa'iinootni kanneen biroo kutaa magaalaa Sabbataa fakkeenya fi giduugala muuxannoo akka taatu taasiseera.
Haaluma kanaaniis,Hoggantootni olaanoo Feederaalaa,naannooleen yeroo adda addaa kan daawwatanii fi biyyoonni Oollaa muuxannoo inisheetiiviiwwan misooma qonnaa kutaa Magaalaa Sabbataa fudhachuu danda'aaniiru.
Kun hundi kan milkaa'eef hawaasni kutaa Magaalaa Sabbataa tumsa fi arsaa barbaachiisu kanfaluu waan danda'aaniifi dha.
Ajajamuu nabiyyuu Ibraahim kan nu barsiisuu,waan ulfaataa fi arsaa olaanaa barbaadu, cichoomaan,ofirratti murteessuun milkaa'uu akka dandeenyuudha.
Kanuma bu'uura godhachuun badhaaadhina waloo mirkaneessuuf hiyyuummaa hammaataa fi kadhaa biyyii alaa ittiin nu beekurraa bilisa bahuuf, arsaa hunda kanfaluun halkanii guyyaa hojjechuun mootummaaf ajajamuun gara badhadhinaatti akka ceenu jechuun eergaa koo isiniif dabarsa.
Obbo Marid Dimmiruu
Bulchaa Kutaa Magaalaa Sabbataa
Ayyaana Gaarii‼️